Hariiroowwan Baayoloojikaalawaa
From Wikipedia, the free encyclopedia
Sirnakkoo kamuu keessatti orgaanizimiin kophaa isaa jiraatu hin jiru. Tokkoon tokkoon orgaanizimii sirnakkoo keessatti walwajjin kan jiraatuufi walirratti kan hirkatuudha. Haala uumamaa keessatti lubbuqabeeyyii waliin jiraatan kallattiidhaanis ta’e al-kallattiidhaan dhiibbaa walirraan geessisu. Yammuu sanyiiwwan garaagaraa waliin jiraatan, nyaataaf, bakka jireenyaafi amaloota orgaanizimii irratti hundaa’uun hariiroowwan hedduun orgaaniziimota gidduutti ni gaggeeffamu. Waliin jireenya orgaanizimootaa keessatti, lubbuqabeeyyii garee adda addaa waliin jiraatan wal-fayyaduu, wal-miidhuu akkasumas, tokko fayyadamaa ta’ee kan biroo miidhamaa ta’uu ni danda’a. Hariiroon baayoloojikaalawaa(xinlubbaawaa) sirnakkoo keessatti gosa hedduu qaba. Isaanis akka armaan gadiitti ibsamaniiru. Hariiroowwan baayoloojikaalaa gareewwan orgaanizimootaa adda addaa gidduu jiru kan akka walutubbii(Mutualism), Soorachiisuu ykn utuubamuu ykn wal-jiraachisaa-baaqee ykn bu'eeffanna Addiyyoo (Commensalism), (huubama addiyyoo)amensaalizimii, dorgommiifi maxxantummaa fa’a dha.