Hidhoo keemikaalaa
From Wikipedia, the free encyclopedia
Hidhni keemikaalaa buxusoota ykn guuttiiqoota gidduutti harkisa waaraa kan maddarroon, baalcii fi caasaa biroo akka uumaman dandeessisudha. Humni elektiroo-istaatikii(mandis-dhaabii) guttiiqoota chaarjii faallaa qaban (hidhoo guttiiqaa) ykn qoodinsa elektiroonotaa ykn mandiiqoota (hidhoo qodmandiiqaa) gidduu jiru irraa kan maddu ta’uu danda’a. Hidhoonni keemikaalaa ciminaan garaagarummaa kan qaban yoo ta’u, hidhoowwan ciccimoon akka hidhoo qodmandiiqaa(covalent), guttiiqaa(ion) fi sibiilaa, fi hidhoowwan laafaa akka walharkisa bantilamee-bantilamee, humnoota faca’iinsa Landan fi hidhoo haayidiroojiinii qaba. Hidhoonni kunniin yaadiddama hagoo(kuwantum) fi seera salphaa kan akka seera saddeettee(octet) fi yaadiddama VSEPR fayyadamuun ibsamaniiru. Isaanis caasaa fi amaloota wantoo murteessu.