Madana
From Wikipedia, the free encyclopedia
Madana 'madana' jedhu salphaatti anniisaa bakka tokko irraa gara bakka biraatti bifa dambaliin ykn suudooleen dabarsuu jedhamee ibsama. Madanni anniisaa ykn suudoo madda irra ka'ee hawaa ykn jiddugalee biroo keessa imalu jedhamee ibsamuu danda’a. Ifni, ho’i, shifdambali(microwave) fi qunnamtiin haadaalaa(shiboo-maleessa) hundi bifa madanati. Kunis kanneen armaan gadii of keessatti qabata:
madana suudoo: kan akka madana alfaa (α), madana beetaa (β), fi madana niwutiroonii.
madana Harkisaa: kan akka madana bifa dambalii harkisoo, ykn dhawaa ykn dadambaliilee(ripples) qaxxaamuraa iddoo-yeroo keessatti.
madana Sagalee: kan akka altiraasaawundii ykn sagalee irranaa, sagalee fi dambalii socho'aa .
madana elektirooloobilaa: kan akka dambalii raadiyoo, ifa mul’atu, xiyya-x fi madana gamaa (γ).