Onesmoos Nasib
Nama amantii fi goota Oromoo, akkasumas barreessaa. / From Wikipedia, the free encyclopedia
Onesmoos Nasib (1856 - Waxabajjii 21, 1931) dhalataa Oromoo Kiristaanummaa Luteraanii fudhatee fi yeroo jalqabatiif Macaafa Qulqulluu Afaan Oromootti hiike. Maatiin isaa yeroo ijoollumma isaa maqaa Hiika jedhamu baasaniif; boodarra erga Kiristaana ta’ee maqaa Onesmoos jedhu Macaafa Qulqullurraa baafate.
Onesmoos Nasib | |||
---|---|---|---|
Ogummaa: | mishinerii, abbaa wangeelaa, barsiisaa, barreessaa | ||
Biyya: | Oromiyaa | ||
Guyyaa dhalootaa: | 1856 | ||
Bakka dhalootaa: | Hurrumu | ||
Guyyaa du'aa: | Waxabajjii 21, 1931 | ||
Bakka du'aa: | Naqamte |
Onesmoos Nasib Kitaaba Waaqeffannaa Luteraanii Ameerikaa keessatti akka qulqulluutti(saint) galmeeffameera, gaafa Waxabajjii 21 jireenyi isaas yaadatamee hin oola. Waldaan Makaana Yesuusii mana barumsa Wangeelaa isaani ikan Finfinnee jiru yaadanno Onesmoosiif jecha maqaa isaatin moggaasun isa kabajaniiru.