Sirna maashaalee
From Wikipedia, the free encyclopedia
Sirni maashaa sirna sochii guutuu nafaa, kutaa nafaa, yookiin dhangala’oo nafaa (fakkeenyaaf, kan akka dhiigaa) ujummoolee isaanii keessa akka socho’an kan taasisuudha. Akkasumas, maashaaleen hargansuu raawwachuufi nyaata ujummoo nyaataa keessa sochoosuuf ga’ee ol’aanaa qabu. Qaama keenya gara gubbaatti maashaalee garagaraa gogaan uwwifamantu agramu. Isanis: maashaalee fuulaa, maashaalee qomaa, maashaalee irree harkaa, maashaalee lukaafi kan kana fakkaataniidha.Tishuuleen maashaa seelota qaqal’atanii dheeratan Habaaqiilee ykn Faayibaroota Maashaa jedhaman irraa ijaaraman. Habaaqileen maashaa bu’uuraa caasaafi dalagaa maashaati. Faayibaroonni maashaa seeloota biroo irraa amala addaa sochiif ooluu danda’u qabu. Amalli addaa kunis dandeettii kottoonfachuufi diriiruu qabaachuu isaaniiti. Sababni dandeettii kanaa immoo caasaa maayoofilaamentii jedhamu seelii keessaa qabaachuudha.
Sirna maashaalee | |
---|---|
Details | |
Identifiers | |
Laatiinii | Systema musculare. |
TA98 | A04.0.00.000A04.6.02.001A04.7.02.001 |
TA2 | 1975 |
FMA | 72954 |
Anatomical terminology |
Caasaaleefi dalagaalee isaanii irratti hundaa’uun maashaaleen bakka sadiitti qoodamu. Isaanis: Maashaa injichaa (maashaa lafee) ,Maashaa saffaa (maashaa lallaafoo) , Maashaa onneeti.