Tareentaa (Maatiriksii)
From Wikipedia, the free encyclopedia
Herrega keessatti, tarreentaan (Afaan ingiliziin matrix ) tarree reektangulaaraa lakkoofsota, mallattoolee ykn ibsitoota tarree fi tarjaa keessatti qindaa'anii dha. tarreentaawwan wanta bu’uuraa aljebraa sararaawaa keessatti yoo ta’an, abiyyee, walqixxaattoo fi jijjiirraa bakka bu’uu fi too’achuuf fayyadamu.
Fakkeenyaaf,miseensootni tarreentaa 10, 5, 22, 0, 100 fi 4 dha. Toorri dalgee tarrentaa tokkoo Tarree yoo jedhamu, Toorrii gubba gara gadii tarreentaa immoo Tarjaa ykn Roga jedhama. Hammi tarreentaa akka armaan gadiitti murtaa’a: tarreentaan tarree(dalga) m fi tarjaa(gadee) n qabu tarreentaa m-n ykn tarreentaa m × n jedhama, m fi n akkaataa tarreentaa agarsiisu. Kanaafuu fakkeenyi armaan olii tarreentaa 2-3 dha, sababni isaas tarree 2 fi tarjaa 3 qaba.Bakkeewwan tarreentaa keessa lakkoofsotni jiran, galfata jedhamu. Galfatni tarreentaa "A" jedhamu kan lakkoofsa tarree i fi lakkoofsa tarjaa j keessa jiru i,j'n galfata A jedhama.Kun akka A[i,j] ykn ai,jtti barreeffama.
tarreentaan tarree tokko qabu (tarreentaan 1 × n) tarreentaa tarree ykn kalqabee tarree yoo ta’u, tarreentaan tarjaa tokko qabu (m × 1) ammoo tarreentaa tarjaa ykn kalqabee tarjaa ta’a. Kanaafuu, tarreewwanii fi tarjaawwan tarreentaa kamiyyuu yeroo addaan ba’an akka kalqabeetti tarjaa fi tarree of danda’eetti hojjetu. Fakkeenyaaf, fakkeenya armaan olii keessatti tarree jalqabaa tarreentaa tartiibsiisuudhaan, kalqabee tarree armaan gadii arganna:
a1,∗ =