Allaattiiwan

From Wikipedia, the free encyclopedia

Remove ads

Allaattiiwwan akkuma qurxummiilee, dagalhareeyyii, Munyuuqeewwaniifi hoosiftootaa bineeldota lafee qabeeyyiidha. Amaloota beekamoo allaattiiwwan ittiin beekaman keessaa muraasniisaanii kanneen armaan gadiiti. qaamni isaanii baalleen kan haguugame ta’uu;  Miila isaanii irraa iskeelii qabu. Qaamni hargansuu isaanii sombadha. Fartilaayizeshinii qaama keessaa gaggeessu. Onnee goloota afuriitti qoodame (oorikilii lamaafi veentirikilii lama) qabaniifi kanneen kana fakkaataniidha. Allaattiiwwan hedduun isaanii kan balali’an yoo ta’u muraasni isaanii kanneen akka guchii, peengiwiniifi kan kana fakkaatan immoo balali’uu hin danda’an. Allaattiiwwan ilkaan hin qaban garuu afaan soorata garagaraa itti qabatan biikii (qoffee) boca adda addaa qabu ni qabu. Tempireechara qaamaa dhaabbataa ta’e waan qabaniif hoomootarmoota (indootarmoota) jedhamu. Fakkeenyaa allattiiwwanii keessaa muraasni kan akka bullaallaa, lukkuu, huummoo, joobira,Qabbanbalalii,daakkiyyee,haadhmaara,kurkuddu,Baalheedduu, haadha waaqoo, ruumicha, culullee, risaa, sololiyaa,gogorii, guchiifi kan kana fakkaatanidha

Remove ads
Loading related searches...

Wikiwand - on

Seamless Wikipedia browsing. On steroids.

Remove ads