DNA
From Wikipedia, the free encyclopedia
Remove ads
Dhangaggee Tambii Riboosii Hanqadhituu, gabaabinaan DNA jedhamuun beekama, molekulii addaa lubbu qabeeyyii hunda keessatti argamu yoo ta'u, qajeelfama dhaalmayaa kan guddina, dalagaa, fi wal-hormaata lubbu qabeessichaaf barbaachisu of keessatti baata. Innis akka "Buluu Pirintii" ykn saxaxa jireenyaa isa guddaadha.

Maqaa biraa Afaan Oromoo keessatti yaada kana ibsuuf oolu keessaa tokko Dirofuftoo dha. Jechi kun jechoota lama irraa dhufe: diroo, kan hiikni isaa sanyii, hidda, ykn dhaloota jechuu ta'u, fi fuftoo, kan gochima "fufuu" irraa madde yoo ta'u, kunis itti fufiinsa agarsiisa. Kanaaf, Dirofuftoon "itti fufiinsa sanyii" kan dhalootaa dhalootatti odeeffannoo dhaalmayaa dabarsu jechuudha.
DNA'n caasaa addaa akka funyoo lama kan walitti maramee jiru qaba; caasaan kunis Dacha'a Cimdii (Double Helix) jedhama. Qaamni isaa inni bu'uuraa ijaarsa xixiqqoo tambiixa (nucleotide) jedhaman irraa kan uumameedha.
Dalagaan isaa inni guddaan odeeffannoo dhaalmayaa kuusuu, sirriitti ofirraa garagalchuu, fi dhaloota itti aanutti dabarsuudha. Odeeffannoon kun tartiiba ijaarsa keemikaalaa isaa keessatti kan kuufame yoo ta'u, kunis sanyundeewwan uuma. Sanyundeen immoo qajeelfama oomisha pirootiinii fi molekuloota RNA dalagaa qabaniif kenna.
Remove ads
Seenaa Qorannoo
Argannoon DNA fi hubannoon dalagaa isaa jaarraa tokkoo ol kan fudhate yoo ta'u, sadarkaa gurguddoo armaan gadii qaba:
Bara **1869**, ogeessi fiizishinii Siwiizarlaandii Friedrich Miescher, yeroo seelii Madaa hospitaala keessaa qoratu, tambii lubbiyyoo farra dhiiga adii keessaa waan haaraa "niwukiliin" (nuclein) jedhee waame argate. Yeroo sanatti faayidaan isaa sirriitti hin beekamne ture, garuu kun jalqaba qorannoo DNA ture.
Jalqaba jaarraa 20ffaa keessa, saayintistiin Phoebus Levene waggootaaf qorannoo geggeessuun, DNA'n kutaalee bu'uuraa sadii irraa akka ijaarame adda baase: garee foosfeetii, sukkaara addaa (deoxyribose), fi beeziiwwan naayitiroojiinii afur (Adaniinii, Guwaaniinii, Saayitoosinii, fi Taayimiinii). Hojiin isaa bu'uura caasaa DNA hubachuuf barbaachisaa ture.
Bara **1928**, qorannoon Frederick Griffith akka agarsiisetti, baakteeriyaan miidhaa hin qabne tokko yoo baakteeriyaa miidhaa qabu kan ajjeefame wajjin walitti makame, gara baakteeriyaa miidhaa qabuutti jijjiiramuu danda'a. Inni kun "transformation principle" jedhee waamus, maalummaan qaama jijjiirama kana fidee hin beekamne ture.
Bara **1944**, qorattoonni akka Oswald Avery, Colin MacLeod, fi Maclyn McCarty, yaalii Griffith irraa ka'uun, qaamni jijjiirama sana fidu DNA ta'uu isaa mirkaneessan. Isaaniin dura saayintistoonni hedduun pirootiiniin odeeffannoo kana baata jedhanii amanaa turan. Argannoon isaanii kun ilaalcha saayinsii guutummaatti jijjiire.
Bara **1950**, Erwin Chargaff, ogeessa keemistirii Oostiriyaa-Ameerikaa, seera barbaachisaa tokko argate. Innis orgaanizimii kamiyyuu keessatti, hamma Adaniinii (A) hamma Taayimiinii (T) wajjin wal qixa, akkasumas hamma Guwaaniinii (G) hamma Saayitoosinii (C) wajjin wal qixa ta'uu isaati. Kun "Seera Chaargaaf" jedhamuun beekame.

Bara **1952**, Roozaalind Firaankiliin fi mooris Wiilkins, teekniika "X-ray crystallography" jedhamu fayyadamuun, kiristaala DNA qulqulluu keessa raajii dabarsan. Firaankiliin suuraa ifa ta'e kan caasaa DNA agarsiisu, "Photo 51" jedhamuun beekamu, kaasuu dandeesse. Suurri kun DNA'n boca maramaa (helical) fi funyoo lama qabaachuu isaa ifatti mul'ise.
Dhuma irratti, bara **1953**, Jeems Waatsan fi Firaansis Kiriik, odeeffannoo seera Chaargaaf fi suuraa Firaankiliin irratti hundaa'uun, moodeela sirrii kan caasaa DNA Dacha'a Cimdii ibsu hojjetan. Argannoon isaanii kun akkamitti DNA'n odeeffannoo kuusuu fi of baay'isuu akka danda'u ibsuu danda'e. Hojii kanaaf, Waatsan, Kiriik, fi Wiilkins bara 1962 Badhaasa Noobelii argatan.
Remove ads
Caasaa Molekulawaa
DNA'n akka riqaa marameetti (twisted ladder) kan caaseffame yoo ta'u, kutaalee gurguddoo qaba.
Ijaarsa Tambiixaa (Nucleotide Composition): Tokkoon tokkoon funyoo DNA ijaarsa xixiqqoo walitti aanan kan tambiixa jedhaman irraa tolfama. Tambiixni tokko kutaalee sadii qaba: garee foosfeetii, sukkaara dii'ooksiraayiboosii (deoxyribose), fi beezii naayitiroojiinii qabu tokko.
Lafee Sukkaara-Foosfeetii (Sugar-Phosphate Backbone) milii ykn cinaacha riqaa sanaa uuma. Innis molekuloota sukkaara fi foosfeetii hidhoo keemikaalaa cimaa (phosphodiester bond) jedhamuun walitti hidhamuun ijaarama. Lafeen kun funyoo lamaaniifuu deeggarsa cimaa kenna. Funyoon kun kallattii addaa (polarity) kan qabu yoo ta'u, kallattii 5' (five prime) fi 3' (three prime) jedhamuun beekama.
Cimdii Beeziiwwanii (Base Pairing) immoo tarkaanfiiwwan riqaa sanaa uuma. Beeziiwwan gosa afur jiru: Adaniinii (A), Guwaaniinii (G), Saayitoosinii (C), fi Taayimiinii (T). Isaanis garee lamatti qoodamu: Purines (A, G - caasaa geengoo lama qabu) fi Pyrimidines (C, T - caasaa geengoo tokko qabu).
Seerri cimdii kun akkana: Adaniiniin (A) yeroo hunda Taayimiinii (T) wajjin hidhoo haayidiroojinii lamaan wal qabata. Guwaaniiniin (G) yeroo hunda Saayitoosinii (C) wajjin hidhoo haayidiroojinii sadiin wal qabata. Hidhoon haayidiroojinii laafaa ta'us, miliyoonotaan yoo jiraatan, molekulii DNA'f tasgabbii guddaa kennu.

Caasaa Dacha'a Cimdii (The Double Helix Structure) boca maramaa kan DNA ti. Funyoon lamaan walitti maramuun, akka maramaa gara mirgaatti garagaluutti (right-handed helix) uumama. Maramuun kun qaawwa gurguddaa (major groove) fi qaawwa xixiqqaa (minor groove) uuma. Qaawwan kun pirootiinonni adda addaa akka DNA dubbisanii dalagaa isaanii raawwatan bakka itti hidhataniidha.
Remove ads
Dalagaa Baayoloojawaa
Dalagaan DNA inni guddaan odeeffannoo dhaalmayaa kuusuu, dabarsuu, fi ibsuudha.
Kuusaa Odeeffannoo: Tartiibni beeziiwwanii (A,T,C,G) funyoo DNA irratti argamu "fungoo" ykn koodii jireenyaa uuma. Kutaan DNA kan fungoo pirootiinii tokkoof qajeelfama kennu Sanyundee jedhama.
Ibsa Sanyundee (Gene Expression): Akka odeeffannoon kun hojiirra ooluuf, adeemsa Jalteessa (Transcription) fi Hiikkoo (Translation) keessa darba. Jalteessa keessatti, odeeffannoon DNA gara RNA ergamtuu (mRNA) tti garagalfama. Hiikkoo keessatti immoo, koodiin mRNA gara pirootiiniitti jijjiirama.
Of-baay'isuu DNA (DNA Replication)
Yeroo lubbiyyoon hiramuuf jedhu, DNA guutuun ofirraa garagalchee jaltii (copy) walfakkaatu uumuu qaba. Adeemsi kun Of-baay'isuu jedhama.
Enzaayimiin DNA heeliikeezii (helicase) jedhamu funyoo lamaan akka siipparii addaan baasa. Enzaayimiin biraa DNA polimereezii (polymerase) jedhamu funyoo addaan ba'e akka unkaatti fayyadamuun tambiixoota sirrii itti hiriirsee funyoo haaraa ijaara.
Adeemsi kun "semi-conservative" jedhama, jechuunis molekuliin haaraan hunduu funyoo duraanii tokkoo fi funyoo haaraa tokko of keessaa qabaata. Kunis odeeffannoon sirriitti akka darbu mirkaneessa.
Remove ads
Gurmaa'ina DNA fi Shanyiitii

Lubbu qabeeyyii Yuukaariyootota (Eukaryotes) keessatti, DNA'n baayyee dheeraadha. Akka tambii xiqqoo keessa galuu danda'uuf, pirootiinii "histoonii" jedhamutti of maruun caasaa "niwukiliisoomii" (nucleosome) jedhamu uuma. Niwukiliisoomiin kun walitti cufamuun Shanyiitii (chromosome) uuma.
Faallaa kanaa, Pirookaariyootota (Prokaryotes) akka baakteeriyaa keessatti, DNA'n geengoo ta'ee naannoo "niwukiliyooyidii" jedhamu keessatti argama. Innis histoonii hin qabu, garuu pirootiinota biroo fayyadamee of maruun (supercoiling) bakka qusata.
Remove ads
Foloqa fi Suphaa
Foloqni (Mutation) jijjiirama tasaa kan tartiiba beeziiwwan DNA keessatti uumamuudha. Foloqni yeroo DNA'n of baay'isu dogoggoraan, ykn sababa alaa kan akka raadiyeeshinii ykn keemikaalotaatiin dhufuu danda'a.
Foloqni tokko tokko miidhaa kan qabu yoo ta'u (dhukkuba fida), kaan immoo faayidaa qabaachuun jijjiirama tirannaatiif bu'uura ta'a. Lubbiyyoon tooftaalee suphaa DNA (DNA repair mechanisms) kan dogoggora sirreessan qaba.
Remove ads
Faayidaa Teeknooloojii Keessatti
Qorannoon DNA teeknooloojii ammayyaa hedduuf balbala baneera:
- Qorannoo Yakkaa (Forensics): Adda baasa DNA fayyadamuun yakkamaa mirkaneessuu.
- Xiinsanyii (Genetic Engineering): Sanyundee jijjiiruun oomisha midhaanii fooyyessuu fi dhukkuba ittisuu.
- Yaala Dhukkubaa (Medicine): Dhukkuboota dhaalmayaa adda baasuu fi yaala sanyundee (gene therapy) kennuu.
- Qorannoo Seenaa (Ancestry): Hidda dhaloota ofii duubatti deebi'anii baruuf gargaara.
- CRISPR: Teeknooloojii haaraa kan sanyundee salphaatti jijjiiruuf dandeessisu.
Remove ads
Wikiwand - on
Seamless Wikipedia browsing. On steroids.
Remove ads