Finfinnee

Magaalaa Oromiyaa From Wikipedia, the free encyclopedia

Remove ads

Addiis Ababaa-Finfinneen magaalaa guddoo mootummaa naannoo Oromiyaa fi Itoophiyaati fi akkasumas barcuma Gamtaa Afrikaa (Africa Union ti.

Finfinnee Oromiyaa

Shaggar
Addiis Ababaa/Finfinnee/
Biyya:Itoophiyaa
Naannoo:[[{{{Naannoo}}}]]
Godina:Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee
Aanaa:Aqaaqii
Ganda:
Ol ka'iinsa:
Baayyina ummataa:{{{Baayyina ummataa}}}
Tuuta'insa ummataa:5.165,1/km²
Remove ads

Seenaa ganamaafi Moggaasa

Maqaan Finfinnee jedhu seenaa keessatti kan beekamuu durii irraa ka'ee kan jiru yoo tahuu maqaa sirrii jal'isuun ergaman jallina minilk addiis abaabaa kan moggaasan yommuu ta'u garuu minilik dhuma jaarraa 18ffaatti magaala ADDIS ABABA jedhamtu hundeesse.

Qe'ee Finfinnee

Karra Shanan Finfinnee

  1. Karra Qirxi – karra gara kaaba geessu
  2. Karra Qoree – karaa Jimmatti geessu
  3. Karra Allo- Karaa Walloo/Daseetti nama geessu
  4. Karra Qaallu/Qaallitti- karaa Bsiooftuutti nama geessu
  5. Karra Gafarsaa- Gara dhiyaatti nu geessu

Ona bulchiinsa Finfinnee

  • Ona Caffee Tumaa
Finfinnee – Hora saawwan gullallee fi galaan araabaa turan amma bakka Filwuha jedhamu sana.
Hurufa Boombii- Bakka maqaan ammaa jaanmedsaa, Embasii Egypt, Hospitaala minilik, bakka qubtuma waraanaa isaanii godhatan dha.
Dirree Caffee Araaraa- Bakka amma Yuniversity kilo jaha/sidist kilo/, Hospitaala Yakkaatiti 12 jedhamu dabalatee fi naannoo isaa jiru dha.
Dhummuggaa – bakka amma Ginfillee jedhamu irra ture.
Keelloo Masqalaa- Bakka amma kilo yuniversity kiiloo Afur jiruu, parlaamaa, Bataskaana qiddist Maramii, fi qiddist Sillasee, bakka amma baasha waldeechilot jedhamu, fi bakka amma xiyyit beet jedhamu.
Tulluu Heexoo Diimtuu – bakka amma masaraan mootummoota habashaa jiru, taboti gabrelii jiruu, buufata polisaa 6eessa fi bakka baahitaa jidhamu.
Dhaka Araara – Bakka amma fit berr, bakka police garaj jedhamu, bakka amma hooteelli sharaatan jiru, bakka etege mask jedhamu, fi bakka amma hoteelli hilton jiru.
Qarsaa- kun ammoo bakka amma kasanchis jedhamu irraa kaasee haga xizzit bet jedhamutti ammata
Awwaaroo- bakkuma amma awwaaroo jedhamu dha
Hulluuqo kormaa- bakka amma bataskaanni esxifanos jedhamu jiru, bakka amma masqal addababay jedhamu, fi bakka amma raas birru safar jedhamu ammata.
Hora finfinnee- bakka amma filwuha jedhamee beekamu, bakka mana masaraa mootummaa isa lammaffaa fi awwaaree dabalata.
Dolloo Biddeena – bakka amma baqlo beet,gotaraa fi walloo safar jedhamu
Dabaso – bakka amma lagahar mashulakiyaa jedhamu.
Haada Amma – bakka amma teelee Garaje, bataskaana carqos jedhamu jiru kana turan.
  • Ona birbirsa yaa´i goroo
Waddeessa – bakka amma pizassaa, charchar godanaa, fi araadaa giyorgis jedhamu kana
Maarama Birbirsa – bakka amma bataskaanni gorgis jiru
  • Ona qarsaa
Hurufa Raaree – bakka amma buufati konkolaataa dhaabbatu, bakka amma raas ganamee safar jedhamu fi addisuu mikaêl dabalatu dha.
Sokorru – Bakka amma hospitaala Amanu´el jiru, bakka amma dhaabbii midhanii(ehil baranda), masalamizaa, fi kuas meedaa jedhamu ammata.
Sulula garbii – Bakka amma taklahymanot fi cid tara jedhamee beekamu ture,
Garbi – bakka amma sangaa tara fi ambaxxa makkalakayaa jiru sana dha,
Qarsaa – bakka amma markaatoo jedhamu, amerikaan gibbii, fi masgiida Anuwaar isa gudda fi naannoo isaa dabalata.
Baro Kormaa – bakka amma gollaa mika´el, ras tasamma safar, hospitaala xiqur ambassaa, fi bakka waajirrii dhimma daangaa cehuu (imegrashin) jedhamu ammata.
Dache Golbaa – bakka amma addis katamaa jedhamu kana
  • Ona gullallee ykn mana Gullallee
Adaamii- bakka amma bataskaanni rufaa´el jedhamu jiru, sameen mazagajaa, fi sameen total jedhamn fi naannoo ishee ammata
Didiimtu – bakka amma shogolee jedhamee beekamu ammata.
Qaallee – Bakka amma askoo jedhamu
Fiichee – Bakka amma dahannoo xaliyaani ykn xaliyaan mishig jedhamu.
Kattaa – ammas kattaa jedhaama
Burayyuu – Bakka amma burrayyuu, fi gafarsaa jiru dha,
Harbuu Irreechaa – bakka amma raas hayiluu safar jedhamu
  • Ona Abbichu
Burqaa Ejeeree – Bakka amma enxooxxoo kidana mirat jedhamu, fi bakka amma Imbasiin faransaay irra qubatee fi naannoo isaa.
Baddaa Ejersaa – Bakka amma Iyyasuus ras kaasaa safar jedhamu
Huruma – Bakka amma Imbaasiin Faransaz, Xalizaani fi bataskaanni Aabboo jedhamu jiru ammata
Ona xiixaa (enxooxxoo)
Haxxee laalii – bakka amma shiroo meedaa fi enxooxxoo maramiin jiran fi naannoo isaa ammata
Muujjaa – bakka amma shiroo meedaa jiru keessatu itti waamama.
Waayyuu – bakka amma qacanee madanalam jedhamu ture
Karaa Qorxii – bakka amma balay yallaqaa mangad jedhamuu fi samen bar jedhamu ammata.
  • Ona ekkaa
Burqaa Qorichaa – Bakka amma yakkaa mika´el xabal, laga qabbana, fi lga daadhii jiran dabalata
Karaa alloo riqicha – Bakka amma Imbasiin engiliz, Imbasiin Jarmany, fi Imbasiin Raashaa jiran dabalata.
Harbuu – bakka amma gurd shoolaa jedhamu dha
Kotabee – Ammas kotabee jedhama
Doqaa Booraa – Bakka amma haya hulat mazoriyaa jedhamu dabalata
  • Ona Boolee
Garjii – Ammas garjii dhumaan beekama
Bulbulaa – Ammas Bulbulaa dhan beekama
Warra ganuu – Ammas warra ganuun beekama
  • Ona Teechoo
Golboo – bakka amma Marqos, warshaa qadaaddi (qorkii), qaallitti, qeeraa, gofaa jedhaman ammata.
Lumee – bakka amma bataskaana yooseef jiru kana dabalata
Laaftoo Tumtuu – bakka amma bunnaa bord jedhamu ammata
Jaajaa – bakka amma biheere tsigee jedhamu ammata
Tulluu ejersaa – bakka amma hannaa marizaam jedhamu ammata
Tulluu dheertuu – bakka amma gofaa beetamangist jedhamu ammata
Baaboo – bakka amma addisuu qeeraa jedhamu dabalata
Sammuu Gullallee – bakka amma meettaa darichaa jedhamu ammata
  • Ona Caffee Annanii
Caffee muudaa – Bakka amma manni murtii ol aanaa jiru (lidataa) ammata
Harbuu – Bakka amma meksikoo, mana barnoota tagbaara id jiru, mana adabaa finfinnee, bakka saar bet jedhamu, bakka geejjaa safar jedhamu, mana barnootaa dajjaa baalchaa, bakka oomisha dhugaatii wazin xajji, bakka oomisha kokaa kollaa dabalata,
Harawaa – bakka amma oomishini haadaa jiru ( qaacaa fabrika) jedhamu dabalata.
  • Ona Jaarsayu
calcali – bakka amma sar bet jedhamu dabalata
Mardee – bakka amma arogee awropilan marefiza, midir xor, ganda tolasaa, fi raphii jedhaman ammata
Bakkanniisa – bakka amma makkaanisaa jedhamee waamamu dha.
  • Ona Kolfee
Daalattii – bakka amma qaraniyoo jedhamee waamamu,
Labu – bakka amma siga meeda, taxaq xor safar jedhamu ammata
Xaro – bakka amma axanaa taraa fi faxino darash jedhamu
Remove ads

Weerara Finfinnee

Magaalaan finfinnee/Addis ababaa/magaala guddittii itoophiyaa,akkasumas magaala guddiitti Oromiyaa tti.

Loading related searches...

Wikiwand - on

Seamless Wikipedia browsing. On steroids.

Remove ads