Oromoo Ituu
From Wikipedia, the free encyclopedia
Remove ads
Oromoo ittuu
Oromoo Ittuu: Carcar
Oromoonni Ittuu gaareele dhiha Harargee keessa, bakka Carcar ykn Onaa Ittuu jedhamuun beekamu keessa qubatan. Soorata isaanii qonna fi loon tiksuun wal makuun gaggeessu. Ittuun, bakka Caffee Odaa Bultum jedhamee beekamu cina jiraachuudhaan maqaa guddaa qabu. Bakki kun bakka murtii fi marii sirna Gadaa Barreentumaa ta’ee, seera, heera fi qajeelfamoonni itti tumamanidha. Daangaa Ittuu Lixaa fi Kibbaan: Oromoo Arsiin wal daangessu. Bahaan: Oromoo Afran Qalloo waliin Laga Burqaa (naannoo magaalaa Baroodaa) irratti daangessuu. Kibba Bahaan: Oromoo Anniyyaa waliin Laga Raamis irratti daangessuu. Caffee Odaa Bultum bakka sadarkaa seera tumuu Gadaa Ittuu fi Barentummaa keessatti barbaachisaa qabuu ta’ee jira
Kana malees Ittuun gosoota gurguddoo (10) kudhan kan of jalaa qabu yoo ta’u isaanis Baabboo, Gaadullaa, Elellee, Aalgaa, Waayyee Addayyoo, Arroojjii,Gaamoo, Baayee fi Qaalluu dha.
Ittuun akkuma Oromoota biroo afoolaan kan badhaadhe yoo ta’u, sirna dimokraatawaa abbootii seeraa dhaaleen Odaa Bultuum jaalatti heeraa hundeessuu keessattis warra maqaa qabaniidha.
Isaan kun martuu Odaa Bultum jalatti walgahuun aangoo wixinee heera lallabanii. Alangee walharkaa fudhatu. Odaa Bultum jechuun mataansaa mana bultii Heeraati jedhamee amanama.
Oromoon Ituus Oromoota dimokiraatummaatti amanan ta’uun walqabatee namni tokko badii yoo dalagee adeemsa ittiin tarkaanfiin irratti fudhatamu dubartitti saadrka gara garaa keessa darbuu qabu heeraa isaarratti lallabateera.
Heerri kunis “Heera soddomman Ambaa Daayaa” jedhamuun beekama. Heerri Oromoon Ituu ittiin wal qajeelcha. Heera kana yeroo barbaachisuttis yakkamtoota ittiin adabu kun makimakisaa akkanaa jedhu (kudhan gorsanii, kudhan obsanii, kudhan dhoksanii fugugii gamatti darbu jedhama.
Akkaataa heera kanaatiin namni kamuu seera ykn addaa ykn duudhaa faallessee ykn dabbsee yoo argame adeemsa keessa darbamuu qabu hordofanii sirreessuu yaaluun egeree jireenya nama sanii waaltessuuf kan gargaaru yoo ta’u, didee yakka ykn seera kan faallessu taanaanimmoo adabamee warreen kaan irraa akka baratan taasisuun fala heerichi lallabateedha.
Egaa heerri 30n daayaa Oromoo Ituu hojiirra oolmaa heerichaa kanaan kan of gahe yoo ta’u, kan badii dalage akkaataa badiisaatiin yeroo soddoma dhiifamni akka taasifamuuf ajaja. Afoola Gosoota afoolaa Oromoon Ittuu ittiin beekamu keeysaa sirboota aadaa kan akka Hellee, Hellemaa, Mirrigaa, Geerarsa, Darashii, Shaggooyyee fi dhiichisaa afaan isaatin quuqqaa gammachuu fi mudannoosaa ibsata
Remove ads
Wikiwand - on
Seamless Wikipedia browsing. On steroids.
Remove ads