Oromoo Walloo
Damee Oromoo From Wikipedia, the free encyclopedia
Remove ads
Oromoo walloo oromoota baarentuu keessaa isaan tokkodha. Oromoonni kunis kaaba shawaa irraa hanga naannoo tigraayii tti faca'anii argamu. Oromoon walloo akkumma oromoota kaanii qotee bulaa fi horsiisee bultoota. Oromoon walloo daangaa ummata amaaraa fi affaar gidduu jiraatu. saboota kanaanis walitti bu'iinsi yeroo isaan walakkaatti ta'u waanuma baramaadha. Oromoon walloo naannoo amaaraa godina addaa oromiyaa kamisee kan jedhamu gaaffii guddaadhaan akka afaan isaatiin baratuuf seenaa fi duudhaa isaa afaan ofiitiin akka baratuuf gaaffii irraa deddeebiin kaasuun murteeffate jira. Oromoo walloo keessaa muraasni: kamisee,baatii,warra illu,warra qaalluu, warra baabboofi raayyaa, kanneen hafanis baayyeedha. Oromoon walloo akkuma afaan oromoo beekan afaan saba birootis ni haasa'u. inumaa kan afaan abbaa isaatuu hin beeknes hin dhabamu. Oromoon walloo jara kanaan "saaddacha" jedhaan hiikaan isaas oromoo afaan isaa hin beekne jechuudha.oromoon walloo gosoota hedduu qaba.isaan keessaas muraasni dawwee Batee jille, arxumaa,qoori,duguuguru fi kkfaan isaan murasa.
Remove ads
Wikiwand - on
Seamless Wikipedia browsing. On steroids.
Remove ads