Sanyii

From Wikipedia, the free encyclopedia

Sanyii
Remove ads

Xin-Biqila keessatti, sanyii miciree biqiltootaa fi kuufama nyaataa hin guddanne kan haguuggii alaa eegumsaa kan Qola sanyii (testa) jedhamu keessatti marfameedha. Walumaagalatti, jechi "sanyii" jedhu waan facaafamuu danda'u kamiyyuu jechuudha, kunis sanyii fi qola ykn qoccee dabalatee ta'uu danda'a. Sanyiiwwan bu'aa oovuulii bilchaate yoo ta'u, erga kiisha miciree isparmii pooliin irraa argamuun walhormaata, zaayigootii uumuun booda . Micireen sanyii tokko keessa jiru zaayigootii irraa guddachuun naannoo oovaaliitti kootii sanyii uumuun, guddinni osoo hin dhaabatin biqiltuu haadha keessaa hamma murtaa’e tokkotti guddata.

Thumb
Footoomaayikiroogiraafii sanyiiwwan adda addaa
Remove ads

Qaamawwani fi Dagaaginna micire

  1. Thumb
    Sadarkaalee guddina sanyii : Template:Col-breakI Zygote
    II Proembryo
    III Globular Template:Col-breakIV Heart
    V Torpedo
    VI Mature Embryo Template:Col-breakI Zygote
    II Proembryo
    III Globular Template:Col-breakIV Heart
    V Torpedo
    VI Mature Embryo Furtuu : 1.Soora sanyii (Endosperm) 2. Zaaygootii ykn Maadhee makaa 3. miciree 4. Suspensor 5. Baala sanyii ykn firqii(Cotyledons) 6. Shoot Apical Meristem 7. Root Apical Meristem 8. hiddala (Radicle) 9. soomayyoo (Hypocotyl) 10. shaafo(Epicotyl) 11. Seed Coat(Qola sanyii)
    1. Qola sanyii: Qolli sanyii qaamolee sanyii kan biroo hammatee gara alaatti argama. Kanaafuu qaamolee sanyii kan gara keessatti argaman balaa irraa ittisuuf gargaara.
  2. Maayikiroopaayilii(qaawa bishaanii): qaawwa bishaan gara keessa sanyiitti dabarsuuf gargaaru dha.
  3. Kotiliidanoota(Fiilloo ykn baala sanyii): Sanyiin lubbuu waan qabuuf ni soorata. Kanas kan argatu nyaata sanyii keessatti kuufamee irraa ti.
  4. Miciree: Micireen qaama sanyii keessa sanyiitti argamuu dha. Micireen magarree(piluumuliin) fi hiddala ykn curcaaroo (raadikilii) of keessaa qaba. Raadikiliin qaama miciree gara hiddaatti guddatuu dha. Akkasumas, piluumuliin qaama miciree gara jirmaatti guddatuu dha.
  5. Soora sanyii (Endosperm):-tishuu sanyii angiosperms (biqiltoota daraaraa) keessatti miciree marsee sooru .
  6. Soomayyoo ykn Hoffaa ykn jirmuta (Hypocotyl):- soomayyoo kutaa jirma biqiltuu miciree tokkoo kan citaa baala sanyii ykn firqii jala jiruu fi kallattiin hiddaa  olitti argamudha. Hoffaan ykn soomayyoon jirma micirees jedhamuun beekkamuu.
  7. Shaafo (Epicotyl):- shaafoon biqiltuu micireewwanii kootiileedoonoota olitti argamudha. Biqiltoota baay’ee keessatti shaafoon dhuma irratti gara baala biqiltuutti ni guddata.
Remove ads
Loading related searches...

Wikiwand - on

Seamless Wikipedia browsing. On steroids.

Remove ads