Arsii
Damee Oromoo / From Wikipedia, the free encyclopedia
Arsiin godinaalee Oromiyaa keessa isa tokko. Maqaan godinaa kan moggaafame ummata Oromoo Arsii ilma Booranaa irraahi. Ummatni Arsii baayyinnaan naannoo Baalee fi Arsii keessa jiraatu.
Godina Arsii | |||
| |||
Biyya: | Itoophiyaa | ||
Naannoo: | Oromiyaa | ||
Magaalaa Guddaa: | Asallaa | ||
Baayyina ummataa: | 3,337,806[1] | ||
Tuuta'insa ummataa: | 145[1] |
Dangaa Godina Arsi
Kibbaan - Baale
Kibba Dhihaan - Sabaa, Sablammoota fi Ummattoota Kibbaa
Kaaba Dhihaan - Shawaa Bahaa
Kaaban - Mootummaa Naannoo Affaar
Bahaan - Harargee Dhihaa
Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa akka gabaasetti bunni tonii 2198 ta'u gara dhumaa bara 2005 akka aanaa kanatti oomishama. Kunis gabaasa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shayii Itoophiyaa irraa fudhatame. Kuni immo basii 1.9% Arsi yoo ta'u, Itoophiyaafi immo basii 0.97% ta'a. Magaalaa guddoon Arsii Asalla yoo ta'u, lafonni biraa Arsii kessatti argaman kan akka Abomsa fi Asasa jedhamani ni jiru.