Dargii
Sirna mootummaa Itoophiyaa durii From Wikipedia, the free encyclopedia
Remove ads
Dargii ykn Darguu (jecha Gi'iizirraa kan dhufe yoo ta'u hiikaansaa koree jechuudha) maqaa koree qindeessaa humna waraanaa, poolisii, fi milishaa Itoophiyaa kan biyyattii bara 1974 amma 1987tti bulcheeti. Dargiin Hayilaa Sillaaseen erga angoorraa buufamee booda aango qabate. Hundaa'ee odoo hin turin, Dargiin maqaa isaa gara Koree Bulchaa Waraana Kan Yeroo (Provisional Military Administrative Council) jijjiirrate, haa ta'u malee ummata biratti maqaa Dargii jedhamuun irra beekkama. Bara 1975tti, barsiisa komunizimii fudhate; hanga 1987ttis aangorra ture. Bara 1975 fi 1987 gidduutti, Dargiin namoota kuma kudhaniitti lakkaa'aman mana murtiitti odoo hin dhiyeessin hidhee fi ajjeesse.
Remove ads
Wikiwand - on
Seamless Wikipedia browsing. On steroids.
Remove ads