Hepatitis A
From Wikipedia, the free encyclopedia
Remove ads
Hepatitis A (maqaan inni ittiin beekkamu infectious hepatitis) jedhama acute dhukkuba faalaa/infectious disease kan ltiruu/liver ka’uumsi isaa vayirasii hepatitis A (HAV).[1] Baay’een isaa keessattuu dargaggoota irratti mallattoo dhukkuba xiqqoo mul’isa yookin mallattoo omatuu hin argisiisu.[2] Yeroon wayita faallamaa fi mallattoon dhukkuba itti mul’atu gidduu jiru, torban lamaa anga torban ja’aa ta’a.[3] Wayita mallattoon dhukkubsachuu mul’atu keessattuu dhuma torban saddeetii booda: nyaata jibbisiisu, ol-debisiisu, gadi-teessisu , gogaan keelloo ta’u/yellow skin, hoo’ina qaamaa, fi dhukkubbi garaatu irratti mul’ata.[2] Namoonni dhibbantaa 10–15 ta’an jalqaba faallamanii kaasee torban ja’a booda mallattoo dhukkubbii argisiisu.[2] tiruun tajaajilaan ala ta’un/Acute liver failure tarbee darbee kan mul’atu yoo ta’u kunis harka caaluu namoota dullooman irratti mul’ata.[2]
Remove ads
Ka’uumsa
Yeroo baay’ee kan tamsa’u bishaan yookin nyaata boobbaa dhukkuba kana qabuun faallame dhuguu fi nyaachudhaani.[2] qurxummiin/ Shellfish yoo sirriitti bilchaachuu baate aga tokko dhukkuba kana dadabarsuu danda’a.[4] Nama dhukkuba kanaan qabame waliin walitti dhiyenyaan jirachudhaanis namatti darbuu danda’a.[2] Daa’imman faallaman mallattoo dhukkubbii yoo argisiisu baatan illee dhukkubichi isaan irraa namoota gara biraatti darbuu danda’a.[2] Al tokko namni faallamee fayye sana booda umurii isaa guutuu deebi’ee hin qabamu.[5] Sababa mallattoon dhukkubbi dhibeewwan gara biraatin wal fakkaataniif dhukkubicha addaan baasanii baruuf qorannoon dhiigaa barbaachisaadha.[2] Dhukkubni hepatitis viruses gosoota adda addaa shan: A, B, C, D, and Etiin beekkama.
Remove ads
Ittisaa fi yaala
Gosni hepatitis A vaccine ittisaaf mijataadha.[2][6] Biyyoonnii tokko tokko daa’immanii fi iddoo sodaa guddaan jirutti warra ijoollumaatti hin talaalamin talaalchisu.[2][7] Talaallin ummurii guutudhaaf ittisa.[2] Tarkaanfiwwan ittisaa kuun harka dhiqachuu/hand washing fi nyaata sirriitti bilcheessudha.[2] Yaalin addaa godhamu hin jiru,boqonnaa fudhachuu fi qoricha nausea yookin diarrhea fudhachuun akkuma barbaachisaa ta’etti ajajamuu fi danda’a.[2] yeroo baay’ee faalamnii uummame guutumaa guututti dhukkuba tiruu itti fufiinsa qabuu malee ni fayya.[2] Yaalii tiruu tajaajilaan ala t’ee ilaalchisee, wanti akkasii yoo muuddate tiruu bakka buusudhaan/liver transplantion dhaan yaallama.[2]
Remove ads
Tamsa’ina
Sadarkaa addunyaatti dhukkuba kanan walqabatee gara namoota miiliyooma 1.5 ta’antu dhukkubsata [2] walumaa galatti namoota faallaman miiliyoona 10 ta’an keessaa.[8] Dhukkubichi kutaa addunyaa qulqullina gadi aanaa qabanii fi bishaan qulqulluu ga’uumsaan hin argannetti bali’aan mul’ata.[7] Biyyoota guddachaa jiran developing world keessatti daa’imman dhibbantaa 90 ta’an yeroo umuriin isaanii waggaa 10 waan faallamaniif yeroo guddatan dhukkubichaan hin qabaman.[7] Biyyoota guddatan keessatti ijoollen yeroo daa’imummaa waan hin saaxilamnee fi talaallin yoo kennamuu baate bifa weerraraatin mul’ata.[7] Bara 2010 keessa, dhukkubni “acute hepatitis A” namoota 102,000 ajeese.[9] Guyyaan Hepatitis Addunyaa/World Hepatitis Day adoolessa 28 ubannoo waayee viral hepatitisuumudhaaf kabajama.[7]
Maddawwan
Wikiwand - on
Seamless Wikipedia browsing. On steroids.
Remove ads